Fana: At a Speed of Life!

Dubaroonni miidhaa gama onlaayiniin irra ga’uuf jecha waltajjii miidiyaa hawaasaarraa adda citaa jiru – Qorannoo

Finfinnee, Fulbaana 25, 2013 (FBC) – Dubaroonni miidhaa gama onlaayiniin irra ga’uuf jecha waltajjii miidiyaa hawaasaarraa adda citaa jiru – Qorannoo

 

Miidhaa gama onlaayiniin dubaroota irra ga’uun Feesbuukii, Instaagiraamii fi Tiwuutara dabalatee waltajjii miidiyaa hawaasaa irraa akka adda citaa jiraan qorannoon idila addunyaa tokko ifoomse.


Dubaroonni 60% ta’an onlaayiniin miidhaan isaan qaqqabu ta’uu qorannoo Pilaan Intarnaashinaalii mul’iseera.


Akka qorannichaatti miidhaan tokko tokko kan eegale waggaa saddeet otuu hin guutiin ta’uu Rooyrarsi gabaasa isaan hubachiiseera.

 

Hojii raawwachiisaan olaanaa dhaabbatichaa An-Birgiit Albireektisaan “dubaroonni miidhaa summiin callisaa jiruu” jedhaniiru.

 

Miidhaan gama feesbuukiin kan baratamee yoo ta’ullee dubaroota yaada isaanii akka laataniif gaafataman keessaa 39% kan ta’an miidhaan irra ga’aa akka jiru ibsaniiru.

 

An-Birgiit Albireektisaan wal qabsiisuun Instaagiram 23%, Watsapp 14%, Snaapchaat 10% Tiwuutara 9% fi Tiiktook 6% ni haammatamu jedhaniiru.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.