Fana: At a Speed of Life!

Dubartii gabaabduu wantoota lamaan galmee dinqisiisoo addunyaarratti galmoofte- Jiyotee Amgee

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2014 (FBC) –Jiyotee Amgeen dubartii gabaabduu addunyaa kanaa galmee dinqisiisoo Addunyaa “Guinness World Record” irratti galmoofte ta’uu ibsame.

Umriin ishee yeroo ammaa waggaa 28 yoo ta’u maqaa masoo urjii galmee dinqisiisoo  addunyaa jedhamu gonfatteetti.

Jiyotee Amgeen bara faranjootaa Muddee 16,1993 giddugala Indiyaatti kan dhalatte yoo taatu dubartii gabaabduu addunyaa fi taatoo fiilmii gabaabduu addunyaa  ta’uun galmee dinqisiisoorratti galmaa’uu dandeessetti.

Jiyoteen galmicharratti kan galmoofte dheerina ishee seentimeetira 62.8 yoo ta’u, riikardii 2ffaa kan galmeessifte fiilmii Ameerikaa sodaachisaa( Horor Film) “Freak Show” jedhamu keessatti taatoo ijoo ta’uun kan taphatteeni.

Jiyoteen yeroo dhalattuu fi umrii ijoollummaa isheetti guddina idilee qabaachuu haatishee Raanjaan ibsuu ragaan galmee dinqisiisoo addunyaarraa argame ni mul’isa.

Gudinni hojjaa Jiyotee wayita isheen umrii waggaa shanii dhaabbachuus ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.