Fana: At a Speed of Life!

Dubartiin jalqabaa Miseensa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Aadde Maartaa Gabratsaadiq du’aan boqotan

Finfinnee, Caamsaa 17, 2015(FBC)- Dubartiin jalqabaa Miseensa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Aadde Maartaa Gabratsaadiq addunyaa kanarraa du’aan boqotaniiru.

Aadde Maartaa Gabratsaadiq dhibee isaanirra bubbuleen Caamsaa 13, 2015 umriisaanii waggaa 91tti du’aan addunyaa kanarraa boqotaniiru.

Sirna gaggeessaa reeffa isaanii guyyaa har’aa Mana Amantaa Guutuu Wangeelaa Qaxanaa 2 naannoo Xoorhaayiloochiitti bakka Pireezidaantii FDRI Saahilawarq Zawdee, Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad, Gifti Duree Zinnaash Taayyaachoofi fi anga’oonni olaanoon mootummaa biroon argamanitti gaggeeffamuu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.