Fana: At a Speed of Life!

Dubartiin Preezdaanti doonaald Tiraampiif xalayaa keemikaala summii qabu erguun shakkamte to’atamte

Finfinnee, Fulbaana 11, 2013 (FBC) –Dubartiin Preezdaanti doonaald Tiraampiif xalayaa keemikaala summii qabu erguun shakkamte to’atamte.
Akka gabaasa CNNtti Xalayaan summii hamaa Raaysi jedhamu of keessatti qabate Preezdaanti Doonaal Tiraampiif ergite Kanaadaa irraa gara Ameerikaa seenuuf otuu jettu daangaarratti to’atamteetti.
Keemikaallichi summii olaanaa kan qabuu fi qamaa namaa keessa wayita seenu dhiiga keessatti dhangala’uu fi ol deebisiisuu uumuu kan danda’udha jedhame.
Akkasumaas kaleen guutumaatti hojii akka dhaabuu fi du’a akka qaqqabsiisuus eerameera.
Dubartiin kun wayita to’annaa jala oolte meeshaa waraanaa qabattee akka turte ibsameera.
Waashingitaan Diisiitti Abbaan Alangaa Waliigalaa Ameerikaa himata irratti ni bana jedhameet eegama.
Xalayaawwan gara Waayit Hawusitti ergaman giddugala qorannoon gaggeeffamu keessaatti keemikaalli xalayicha keessatti argamu Raaysi ta’uu mirkaneessuuf qorannoon wayita lama gaggeeffamu ibsameera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.