Fana: At a Speed of Life!

Duudhaa fi safuu akka ummataatti qabnu wantota gaaffii keessa galchan qolachuufi hawaasa bal’aa waliin hojjetamuu qaba – Aadde Loomii Badhoo

Finfinnee, Caamsaa 4, 2013 (FBC) – Af yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Loomii Badhoon Ayyaana Iid Al-faxiir 1442ffaa sababeeffachuun hordoftootaa amantaa Islaamaaf ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Aadde Loomiin Duudhaa fi safuu akka ummataatti qabnu wantota gaaffii keessa galchan qolachuuf hordoftonni amantaa fi ummanni qooda olaanaa akka qaban dagatamuu hin qabu jedhan.
Guutuun ergichaa haala armaan gadiin dhiyaateera.
Hordoftoota Amantaa Islaamaa maraan Baga Baatii Ramadaanaa nagaan mumuruun ayyaana Iid Al-Faxirii bara Waggaa 1442ffaaf kabajamuun nagaan geessan jedha.
Baatiin Ramadaanaa hordoftoota amantaa Islaamaa biratti baatii kadhannaan dabarfamuufi baatii nageenyiifi jaalalli itti labsamu akkasumas, aadaan walgargaarsaafi hojii tola ooltummaa itti hojjetamu waan ta’eef, hawaasni Musliimaa jireenya hafuuraa isaanii cimsachuuf biiftuu baatee lixxu soomaan, halkan immoo kadhannaa rabbiin kan dabarsan waan ta’eef, ji’a qulqullaa’aafi kabajamaadha.
Hawaasni Musliimaa hojiilee gaggaarii yeroo ramadaanaa kana keessatti addatti hojjechaa ture daraan cimsachuun yeroo kamiyyuu caalaa jaalala, obbolummaafi kan qaburraa qooduun duudhaa waliin jireenyaa qabuun kan rakkate cinaa dhaabbachuun, kan dhukkubsate gaafachuun, kan daare uwwisuun duudhaa walgargaarsaa fakkeenyummaa qabuun beekama.
Kana malees, sagantaa ifxaaraa qophaa’u irrattis tokkummaan walta’ee ollaafi firroottan isaa waliin kan dabarsu yommuu ta’u, yeroo tokkummaafi jaalalli keessatti dagaagedha.
Amantaan kamuu wal jaallachuu, walkabajuufi yeroo rakkoof bal’oos waliin dhaabbachuu ummattootaa kan lallabuufi hordoftoota amantaa isaas bu’uura kanaan barsiisuudha.
Duudhaa fi safuu akka ummataatti qabnu kana waantota gaaffii keessa galchan qolachuu keessatti immoo gaheefi shoora guddaa kan qabu hordoftotuma amantaafi ummata bal’aa akka ta’e dagachuus hin qabnu.
Waan ta’eefis, saboonni, sablammoonniifi ummattoonni hundi, keessaahuu, hordoftoonni amantaafi abbootiin amantaa, amantaa kamiyyuu dursan nageenya lallabuufi barsiisuun biyya walqixxummaan sabaa, aadaafi amantaa keessatti mirkanaa’e qabaachuufi ijaaruun dhimma murteessaa ta’uu hubachuun barbaachisaadha.
Hundaa ol, ayyaana bara kanaa jalqaba baatii Caamsaa irratti yeroo kabajnu xumura baatii kanaatti immoo egeree biyya keenyaa murteessa jedhamee kan eegamu filannoo seena qabeessa gaggeessuuf biyyi keenya qophii barbaachisu hunda taasisuu irratti yeroo argamtu ta’uun isaa ayyaanicha adda taasisa.
Imala jijjiiramaa hanga ammaatti dhufne as geenye keessattis, deeggarsa ummata keenya waliin qindaa’uun qormaatilee hedduu nu mudatan injifannoon ceehaa, qormaatilee kanneen ammoo gara carraatti jijjiiruun fayyadamummaa ummata keenyaa mirkaneessuun badhaadhina biyyaafi naannoo keenyaa dhugoomsuuf mul’ata fagoo qabannee hojjechaa jirra.
Walumaagalatti, bu’aan gama kanaan hanga yoonaatti arganne daran akka guddatuufi keessaahuu, bilisummaan amantaa bu’uura wabii Heeraafi seeraatiin qabatamaan akka dhugoomuufi ummanni keenya filannoo marsaa 6ffaa kana irratti dammaqinaan hirmaachuun filannoo nagaa, demokiraatawaa, haqa-qabeessaafi bilisa ta’ee akka dhugoomuuf gahee keessan bahachuu akka qabdan ibsaa, ayyaanni Iid Al-Faxirii bara kanaa kan nagaa, gammachuu, jaalalaafi badhaadhinaa akka isiniif ta’uuf hawwiin qabu ibsa jedhaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.