Fana: At a Speed of Life!

Duudhaalee waloo caalmaatti cimsuun imala Badhaadhinaa gara fuuladuraatti tarkaanfachiisuun murteessadha – Obbo Umood Ujuluu

Finfinnee, Sadaasa 23, 2013 (FBC) –  Duudhaalee waloo fi tokkummaa caalmaatti cimsuun imala Badhaadhinaa gara fuuladuratti tarkaanfachiisuun akka barbaachisu Preezdaantiin naannoo Gaambeellaa obbo Umood Ujuluun ibsan.

Xomborri tokkummaa sabdaneessaa Finfinnee gara Gaambeellaa imaleera.

Xomborri tokkummaa sabdaneessaa wayita Gaambeellaa ga’u simannaan hoo’an taasiifameera.

Duudhaalee waloo fi tokkummaa caalmaatti cimsuun imala Badhaadhinaa eegalame gara fuuladuratti tarkaanfachiisuun akka barbaachisu Preezdaantiin naannoo Gaambeellaa obbo Umood Ujuluun sirna simannaa kanarratti dubbataniiru.

Tokkummaa fi waliin jireenya saboota, Sablammootaa fi Uummattoota Ityoophiyaa cimsuun jijjiirrama hunda galeessaa fi imala Badhaadhinaa gara fuuladuraatti ceesisuun murteessaa ta’uu eeraniiru.

Af yaa’iin Mana Maree magaalaa Finfinnee aadde Zarfeshawaal Niguseen Xombora tokkummaa sabdaneessaa mootummaa naannoo Gaambeellaaf dabarsuun laataniiru.

‘Ityoophiyaan biyya hunda keenya geechu, manaa fi haadha teenya’ jedhan aadde Zarfeshawaal Niguseen.

Yaada qoqqoodiinsaa maksuun tokkummaa cimsuun misooma eegalame caalmaatti cimsuuf hojjetamuu akka qanu Af yaa’iin Mana Maree Gaambeellaa obbo Juul Naggaal ibsaniiru.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.