Fana: At a Speed of Life!

Duukamitti pirojektoonni 38 Birrii miiliyoona 600 oliin ijaaraman xumuramuun eebbifaman

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2014 (FBC) – Bulchinsa Magaala Duukamitti piroojektoota bara 2014 keessaa hojjetaman keessaa pirojektoonni 38 Birrii miiliyoona 600 oliin ijaaraman eebbifamaniiru.

Pirojektoonni kunneen bakka Deetan Ministiraa Ministeera Malaqaa Dootar Iyoob Takkalaany argamanitti ebbifameera.

Pirojektii bufaata faayyaa, daree dabalata mana barnootaa Odaa Naabee, gidduugala gabaa fi manneen 140 harka qalleeyyiif ijaarame ta’uun eerameera.

Naannichatti rakkoo hawaas-diinagdee hawaasa naannichaa furuu fi gaaffiilee misoomaa fi bulchinsa gaarii deebisuuf hojiileen bal’aan mootummaadhaan hojjetamu Doktar Iyyoob ibsaniiru.

Diinoonni, Ityoophiyaan carraa qabduutti fayyadamtee akka hinguddanne taasisanis, imalli badhaadhina duubatti hinhafu jedhaniiru.

Kantibaan Bulchiinsa Magaalaa Dukam Obbo Abduuljaliil Abdurroo gamasaaniitiin, bulchiinsa magaalichaatti, gaaffiilee misoomaa hawaasa magaalichaa furuuf, xiyyeeffannaa kennuun hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Barana pirojektoonni 51 baajata mootummaa, dhaabbilee miti mootummaa fi hirmaannaa ummataa birrii miliyoona 800 oliin hojjetamaa jiran keessaa 38 birrii milyoona 600 oliin ijaaramuun xumuramuun tajaajilaaf qophaa’uu himaniiru.

Ifaa Dalasaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.