Fana: At a Speed of Life!

Duula miidiyaa hawaasummaatin mana barnootaa ijaarrame

Finfinnee, Fulbaana 18, 2013 (FBC)- Duula miidiyaa hawaasummaatin mana barnootaa ijaarrame.

Godina Booranaa aanaa Dubulluqitti suuraan mana barnootaa dhaabnisaa muka, teessoo barattootaa kan hin qabne, baaxiin isaa laastikaan uwwifame yoo roobu kan dhimmisu miidiyaa hawaasummaarra deddeebi’ee agarsiifamaa turuun isaa ni yaadatama.

Bara darbe suuraan mana barnootichaa miidiyaa hawaasummaarra irra deddeebiin marmaaraa tureera.

Lammiilee fi dhalattoonni Ityoophiyaa biyyoota alaa jiraatanii fi quuqamtoonni biyya keessaa mana barnootichaa haaromsuuf tumsa taasisaniin Birrii miiliyoonni 1 fi kuma dhibbai 3 walitti qabaniiru.

Yeroo ammaas ijaarsisaa xumuramee barattoota simachuuf qophii ta’uusaa Ministeerri Barnootaa beeksiseera.

Ijaarsa isaatif maallaqni barbaachisu karaa Feesbuukiitin kan walitti qabame yoo ta’u, Birrii miiliyoonni 1 baasii itti ta’eera.

Miidiyaa hawaasummaa waan ummataaf bu’aa buusuu fi rakkoo furuuf itti fayyadamnaan ijaarsa biyyaaf kan oolu ta’uu milkaa’inni ijaarsa mana barnootichaa agarsiistuu dansaadha.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.