Fana: At a Speed of Life!

Duulli amma gaggeeffamaa jiru awwaalchaa garee shororkeessitootaa ABUT fi Shaneeti-Obbo Abdurakiim

Finfinnee, Sadaasa 16, 2014 (FBC)- Duulli amma gaggeeffamaa jiru  awwaalchaa garee shororkeessitootaa ABUT fi Shaneeti jechuun sadarkaa itti aanaa preezdaantiitti qindeessaan kilaasteera hawwaasumma Obbo Abdurakiim Muluun ibsaniiru.

Waggoottaan 27’n darban keessaa gochaan humni ABUT Uummata Oromoo fi saboota biyya keenyaarratti raawwataa ture yoomuu akka dagatamuu hin qabne Obbo Abdurakiim himaniiru.

ABUT wayita biyya kana gaggeessa ture, uummanni keenya qee’ee fi qabeenya isaarratti akka buqqa’uu, qonnaan bulaan keenya hojjetee akka of hin dandeenye,qeerroo fi qarreen akka tasgabbaa’ee hin baranne ,hayyoonni keenyas akka biyyaa bahan, kaanis akka jireenya gadadoo keessa jiraatu taasisaa turuu uummanni keenya dagachuu hin qabuu jedhaniiru.

Shaneen bara Oromoon na bilisoomsa jedhee eeggataa ture rafaa bahee, har’a erga Oromoon gara biyya gaggeessuutti dhufeen as qaawwee fudhattee bosonatti galte uummatichuma ajjeesaa jirtii jedhaniiru.

Obbo Abdurakiim, duullii xumuraa Muummicha Ministeera Abiy Ahimadiin tibbana gaggeeffamaa jirus yeroo gababaa keessatti awwaalcha garee shorokeessota ABUT fi shanee ta’uu dubbataniiru.

Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaatiis harka tokkoon misooma naannoo keenya saffisiisaa harka biroon ammoo hojii olaantummaa seera kabachiisuu akka naannoo fi biyyatti jiru keessatti sochii taasisaa jiraachuus Obbo Abduraakim himaniiru.

Hawasni naannoo keenyaas bakka jiru hundatti hojii misoomasaa hojjechuun cinatti dammaqinaan naannoosaa eeggachuu akka qabu dhaamuusanii ragaan waajjira preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaarra argamee ni muul’dhisa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com

/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.