Fana: At a Speed of Life!

Duulli birmadummaa milkaa’inaan gaggeeffamaa jira- Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa

Finfinnee, Sadaasa 25, 2014 (FBC) – Duulli birmadummaa biyyaa kabachiisuu milkaa’inaan gaggeeffamaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.

Adda waraanaatti duuluun cinatti deeggarsi gama maraa lammiileen taasisan cimee itti fufuu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salaamaawit Kaasaa ibsaniiru.

Duula birmadummaa biyyaa kabachiisuuf gaggeeffamaa jiru ilaalchisee adeemsi hawaasni idil addunyaa akkaataa dogoggoraan akka hubatuuf taasifamu sirrii kan hin taanee fi dhugaarraa kan fagaate ta’uu kaasaniiru.

Kanaaf ammoo deeggarsa namoomaa mootummaan naannoo Tigraayiif xiyyaaraanis ta’e lafarraa taasisu cinaatti dhiisuun deeggarsi akka waan taasifamaa hin jirreetti gabaasuun agarsiistuudha jedhan.

Faallaa kanaa miidiyaaleen idil addunyaa gocha garee shororkeessaan ABUT naannolee Amaaraa fi Afaaritti raawwate gabaasaa kan hin jirre ta’uu kaasaniiru.

CNN dabalatee gabaasni miidiyaaleen idil addunyaa tokko tokko “ Humara Maaskir” jechuun akka waan dhalattoota Tigraayirratti duguuggaan sanyii raawwateetti gabaasan soba ta’uu ibsaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa

argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.