Fana: At a Speed of Life!

Duulli talaalii farra dhibee Koleeraa Godinaalee shan keessatti kennamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 7, 2015 (FBC) – Duulli talaallii farra dhibee Koleeraa Godinaalee 5 keessatti itti fufiinsan guyyoota shaniif kanamuu eegaluu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksiiseera.

Godina Baalee Bahaa, Booranaa, Boorana Bahaa, Gujii fi Arsii Lixaatti kennamaa jiraachuu ibseera.

Talaalliin kun Aanaalee 16 weerara dhibee Koleeraaf saaxilamoo ta’an keessatti kan kennamu yoo ta’uu, namoota umuriin isaanii waggaa tokkoo fi isaa ol ta’an miiliyoona 1.5f ni kennama jedhame.

Qulqullina dhuunfaa fi naannoo sirnaan eeguun dabalataan dhibee koleeraa ittisuuf kan fayyadu ta’uu Daarektarri Hoggansa Balaa Tasaa Fayyaa Hawaasaa fi Qorannoo Fayyaa Biiroo fayyaa Oromiyaa Obbo Gammachuu Shuumii dubbachuu ragaan BFO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.