Fana: At a Speed of Life!

Duulli talaallii gifiraa boorurraa kaaset laatama

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2012 (FBC0- Duulli talaallii gifiraa daa’imman umriin isaanii baatii 9 hanga waggaa 5 ta’aniif boorurraa kaasee kan laatamu ta’uu Biiroon Fayyaa Finfinnee beeksise.

Talaallichi daa’imman umriin  isaanii baatii 9 hanga  waggaa 5 ta’aniif kan laatamu yoo ta’u, Waxabajjii 23 hanga Adoolessa 2, 2012 kennama.

Duulli talaalli kun dhaabbileer fayyaa fi buufata kenna talaallii yeroo keessatti akka laatamu hogganaan biirichaa Dooktar Yohaannis Caalaan beeksisaniiru.

Wayita talaallichaa daa’imman weerara vaayrasii koroonaatin akka hin saaxalamneef maatiin qophii barbaachisaa taasisuu qabu jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.