Fana: At a Speed of Life!

Duumessa Buufata Xiyyaaraa Boolee tureen xiyyaaronni buufataalee kanaa akka qubatan taasifaman

Finfinnee, Adoolessa 28, 2012 (FBC) – Duumessa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee tureen xiyyaaronni buufataalee kanaa akka qubatan taasifaman.
 
Haala qilleensaa duumessaa’aa Finfinneetti tureen xiyyaaronni Finfinnee qubachuuf turan buufataalee biroo qubsiifamaniiru.
 
Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa akka beeksisetti haala qilleensaa duumessaa’aa har’a tureen xiyyaaronni Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee qubachuuf turan kallattii jijjiiranii gara buufataalee kaanitti akka qubatan taasifamaniiru.
 
Daandichi haala uumameen maamiltootasaa dhiifama gaafatee, dhimmicharratti odeeffannoo waqtaawaa kan laatu ta’uu ibseera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.