Fana: At a Speed of Life!

Duumessii fi roobni gadaanaan mul’atu yeroo isaa eegee cimee itti fufa-Inistiitiyuuticha

Finfinnee, Guraandhala 21, 2015 (FBC)- Kutaalee biyyattii hedduutti duumessi fi roobni gadaanaan mul’atu yeroo isaa eegee akkasumas cimee kan itti fufu ta’uu Inistiitiyuutiin Raaga Haala Qilleensaa Ityoophiyaa ibse.

Hoji Raawwachiisaan Dursa Raagaa Haala Qilleensaa fi Akeekkachiisa Duraa Dooktar Asaamminoo Tashoomaa FBC waliin turtii taasisaniin, yeroo ammaa Waqtii Arfaasaa ta’uu fi Guraandhalaa hanga Caamsaatti kan turu ta’uu kaasaniiru.

Haaluma wafakkaatuun Naannoo Oromiyaa Kibbaa Gujii, Boranaa naannawaa Baalee muraasa, Naannoo Somaalee dabalatee Naannoo Sidaamaa, Sabaa fi Sablammoota Ummatoota Kibbaa akkasumaas Naannoon Kibba Lixa Ityoophiyaa naannawaa waqtii roobaatti, rooba waggaa hanga %55 kan argatan ta’uu ibsaniiru.

Kunis naannawaa roobaa Arfaasaa marsa 2ffaa ta’an jechuunis Naannawaa Baha Amaaraa, Kibba Tigraay, Giddugaleessa Biyyattii, Naannawaa Bahaa biyyattii, Hararii fi Dirree Dhawaa ni dabalataa jedhan.

Gartokkee Naannawaa Kibba biyyattii rooba idileetti dhiyaatu akka argatan himaniiru.

Akkasumas gartokkee Naannoo Amaaraa Kaabaa fi Afaar roobaa idileen olii akka argatan himan.

Feeven Bishaawutu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.