Fana: At a Speed of Life!

Eevartaan Liivar Puul waliin qixa ba’e

Finfinnee, Onkololeessaa 7, 2013 (FBC) – Taphoota Priimeyar Liigii Ingilaand torbee 5ffaan taphni Eevartanii fi Liivar Puul gidduutti gaggeeffame goolii 2 qixaan xumurameera.
 
Taphni eelamee daqiiqaa 3ffaa irratti taphatan sarara fuulduraa Liivar Puul Sa’idoo Maaneen garee isaaf goolii 1 lakkoofsiseera.
 
Daqiiqaa 19ffaa irratti ammo Maaykiliin Kiin Eevartaniif goolii 1 galchuun morkiin boqonnaa duraa 1 qixaan xumurameera.
 
Boqonnaa deebii daqiiqaa 72ffaa irratti lammiin Gibtsi taphataan sarara fuulduraa Liivar Puul garee isaaf goolii 2ffaa galchuun Liivar Puul dursa qabachiise.
 
Yaa ta’uutii daqiiqaa 9 booda Doomiiniik Kaalvarti Leewiin Eavartaniif gooli tokko dabaluun taphichi 2 qixaan xumurameera.
Taphichi wayita xumuramuuf jedhutti Joordaan Heendersan goolii 3ffaa Liivar Puuliif galchus goolichi murtee ‘VAR’n deeggarameen haqameera
.
Liigicha Eevartaan qabxii 13 dursaa jira.
 
Yeroo ammaa Cheelsiin Cheelsiin Saawuzhampitan taphachaa kan jiru yoo ta’u ,taphni Maanchiister Siitii fi Arseenaal gidduutti sa’atii 1:30 irratti gaggeeffamu si’oominaan eeggamaa jira.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.