Fana: At a Speed of Life!

Eeyyama daldalaa seera qabeessa daheeffachuun taaksii fi qaraxni waliin dhahamuuf ture miiliyooni 4.4 walitti qabame

Finfinnee, Hagayya 29, 2012 (FBC) – Eeyyama daldalaa seera qabeessa daheeffachuun taaksii fi qaraxni waliin dhahamuuf ture miiliyooni 4.4 walitti qabamuu Ministeerri Galiiwwanii beeksise.
 
Waliin dhihaansi kun Guumruuka Damee Boolee, Adaamaa, Qaallitttii fi Dirree Daawaatti ta’uu ibsameera.
 
Hagayya 21 – 28, 2012tti qofa garaagarummaa sakkatta’iinsa tasaa fi daldala waliin dhahuun galiin mootummaan dhabuuf ture miiliyoonni 4 fi kumni dhibbi 4 fi kumni 8 fi 545 akka kaffalamu ta’eera jedhame.
 
Meeshaaleen elektirooniksii, uffanni, jijjiirraan qaama Koompiiyuutara, galteewwan oomishaa fi bilbiloonni garaagaraa taariifa sirriin hin ramadamne kan keessatti argaman ta’uu ragaan Ministeera Galiiwwanii argame ni muul’isa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.