Fana: At a Speed of Life!

Eeyyama seera qabeessa malee Diroonii waraabbiif fayyadamuu fi balaliisuun seeraan nama gaafachiisa – Tajaajila odeeffannoo fi nageenya biyyaalessaa

Finfinnee, Fulbaana 19, 2014 (FBC) – Eeyyama seera qabeessa malee Diroonii waraabbiif fayyadamuu fi balaliisuun seeraan kan nama gaafachiisu ta’uu Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa beeksiise.

Dhaabbileen tokko tokko eeyyama malee waltajjiiwwan amantaa, aadaa, taatee ummataa Dirooniin waraabbii gaggeessaa jiraachuu ibsuun, gochicharraa akka of qusatan hubachiiseera.

Nageenya ummataa mirkaneessuu fi sodaa nageenyaa ittisuuf jecha Diroonoonni kamiiyyuu eeyyama malee warraabbiif fayyadamuu fi balaliisuun dhorkaa ta’uuTajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa ibsa Faanaa Broodkaastiingi Korporeetiif ergeen ibseera.

Qaama dhimmi ilaallaturraa eeyyama osoo hin argatin qaamni dhuunfaan Diroonnii fayyadamuun waraabbii fi balallii gaggeessuun kan hin dandeenye ta’uu akeekkachiiseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.