Fana: At a Speed of Life!

Eeyyamni raabsitoota Simiintoo 18 haqame

Finfinnee, Muddee 15, 2013 (FBC) – Raabsitoonni Simintoo qajeelfama mootummaan baaseen ala gatii dabaluun gurgurtaa raawwatan 18 eeyyaamni isaanii   haqamuu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksise.

 

Minnisteerri Daldaalaa fi Indaastirii oomisha Simintoorratti daballiin gatii hin malle akka hin taasiifamen qajeelfama too’annoo gurgurtaa baasuun hojiitti hiikaa jiraachuu ibsameera.

 

Qajeelfamicha warshaalee Simintoo waliin ta’uun hojiitti hiikaa jiraachuu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Indaasitirii obbo Malaakuu Allebal ibsaniiru.

 

Raabsitoonni gatii kaa’amee ol dabaluun 18 eeyyamni isaanii haqamuu eeraniiru.

 

Yeroo itti aanus tarkaanfiin qorannoorratti hundaa’e kan fudhatamu ta’uu himaniiru.

 

Baatiwwan sadan darban keessa hordoffii taasiifameen qajeelfamaan ala korojoo tokkotti warshaaleen hanga Birrii 90 daballii gatii taasiisan argamuu dubbataniiru.

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.