Fana: At a Speed of Life!

Ejansichi karoora hojii waggoottan kurnan dhufaniirratti magaalaa Adaamaatii marii’achaa jira

Finfinnee, Fulbaana 9, 2013 (FBC) – Ejansiin dhimma kaafamtoota miisoomaa Oromiyaa rawwii hojii bara 2012 fi karoora hojii waggoottan kurnan dhufaniirratti magaalaa Adaamaatii marii’achaa jira.

Ejansichi hoggansaa fi ogeeyyii damee ejansichaa shanirraa walitti baba’an waliin ta’uuni gamaaggama raawwii fi marii karooraa kan taasiisaa jiru.

Raawwii bara 2012n Rakkoo hawaassuummaa diinagdee, kaafamtootnii miisoomaa haaldureewwan guutamuu qaban osoo hin guutamne kaasuu, sirna kaffaltii beenyaa haqa qabeessa fi maalaqa kaffaluu qofa osoo hin taanee kaafamtootnii gara hojjii invastmentiitti akka boba’aan deeggarsa ogguummaa fi leenjii kennuurratti hanqinna bala’aa ture furuu irrattii foyya’insii jirachuun himameera.

Damee hundatti deeggarsa fi hordooffii kaafamtoota miisoomaaf taasiifamuu karaa wal fakkaataa ta’een hojjiirra olchuu irratti hanqinni jiru dhimma xiyyeeffannaa barbaadu ta’uu Itti Aanaan Daayreektara olaanaa Ejansichaa obboo Habtoom Baqqalaa himaniiru.

Marichi har’a eeggalee hanga boruutti kan itti fufu ta’u eeruun Muluu Waaqshumeetu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.