Fana: At a Speed of Life!

Ejansichi odiitii saaybarii nageenyaatin dhaabbilee 31 irratti hanqina adda baasuu ibse

Finfinnee, Fulbaana 5, 2013(FBC)- Eejansii Nageenya Infoormeeshinii baajata bara 2012 odiitii saaybarii gaggasseen dhaabbilee 31 ta’aan irratti saaxilamummaa haleellaa saaybarii adda baasuu fi akka sirreefaman taasisu ibseera.

Hogganaan ejansii saaybarii odiitii fi diiviizhiiniin Ivaaluuweeshiinii obbo Dassaaliny Walda Giyoorgiis, bara baajata xumurameetti ejansiichi dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaa 31 ta’aan irratti sakattoon nageenyaa cimaa taasifamuu ibsaniiru.

Dhaabbileen sakattoon taasifameef irratti hanqinni bal’dhaan argamuu dubbataniiru.

Dhaabbileen kanneenis sadarkaa olaanaa hanga gadi aanaatti haleellaa saaybariif saaxilamoo ta’uu ibsaniiru.

Kana adda baasufis iddoo hanqinni jiru siistaamaa ykn bu’uraalee misooma saaybarii, humna namaa fi adeemsa bulchiinsa saaybarii nageenyaa ta’uu eerameera.

Nageenya saaybarii adda bahaan keessaa %56 kan ta’aan dhiibbaa guddaa kan qaqqabsiisan yoo ta’u, %35 ammoo sadarka gidduugaleessaa akkasumas %9 ammoo dhiibbaa gadi aanaa warreen qaqqabsisaniidha jedhameera.

Obbo Dassaaliny, saaxilamummaa saaybarii hambisuuf dhaabbileen of eeggaannoo fi tarkaanfii fudhachuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.