Fana: At a Speed of Life!

Ejansiin Galmeessaa Ragaalee Bu’uuraa fi Immigireeshinii Lammummaa hojii idileessaa eegalufi

Finfinnee, Fulbaana 27, 2013 (FBC) – Ejansiin Galmeessaa Ragaalee Bu’uuraa fi Immigireeshinii Lammummaa hojii idileessaa eegalufi.

Ejansiin Galmeessaa Ragaalee Bu’uuraa fi Immigireeshinii Lammummaa  weerara vaayrasii koroonaan hojii idileessaa gariin hojjechaa kan ture yoo ta’u ammaan kana guutummaan hojii eegalufi.

Ejansichi haaromsa paaspoortii idilee fi gaaffii haaraa Onkolooleessa 2, 2013 eegalee ejansiiwwan hundatti biiroowwan damee naannootti tajaajjila laachuu ni eegala.

Biiroon Finfinnee ammoo Sadaasa 1, 2013 eegalee tajaajila idilee hunda akka eegaluu ibsameera.

Tajaajila paaspoortii haaromsuu fi beellama paaspoortii haaraa onlaayiniin qabsiisuuf ammoo Onkolooleessa 10, 2013 laachuu akka eegalu eerameera.

Lammiilee biyya alaaf onlaayiniin viizaa dheeressuu fi eeyyama jireenyaa yeroo haroomsuu fi tajaajila haaraa gaafachuu Onkolooleessa 2, 2013 ni eegala.

Dhalattoo lammii Ityoophiyaa tajaajila idilee haaromsa waraqaa eenyummaa fi gaaffii Onkolooleessa 2, 2013 eegalee akka laatamu Daayreekatarri Olaanaa ejansichaa obbo Mujiib Jamaal ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.