Fana: At a Speed of Life!

Ejansiin nageenya odeeffannoo Ameerikaa miidhaaf saaxilamuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 13, 2012 (FBC) – Ejansiin nageenya odeeffannoo Ameerikaa miidhaa saayibariif saaxilamuu ibsame.

Ejansichi hariiroo raayyaa ittisaa gurguddoo biyyattii dabalatee waamicha bilbilaa preezdaanti Doonaald Truumpif  bilbilamu kan hordofuu fi sirna nageenya odeeffannoo kan to’atudha.

Ministeeri raayyaa ittisaa biyyatti sirna kompiwutaraa ejansicharra miidhaan ga’uu ibseera.

Sababa kanaan odeeffannoon namoota dhuunfa kuma 200 miidhaaf saaxilamuu himameera.

Ejansichi miidhaan erga qaqqabee boodde qorannoo taasisuu fi rakkinicha furuun miidhaa dabalataa ittisuuf tarkaanfii fudhachuu isaa ibseera.

Maddi:- BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.