Fana: At a Speed of Life!

Ejjennoon Sudaanii fi Gibtsi hidha haaromsaarratti qabatan mirga Ityoophiyaan qabeenya uumamaa qabdutti fayyadamuu kan sarbuudha – Ministeera Dhimma Alaa

Finfinnee, Bitootessa 28, 2013 (FBC) – Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibtsi mariisiisummaa dura taa’aa Gamtaa Afrikaan dhimma Hidha Haaromsaarratti Bitootessa 25 – 28, 2013 marii taasiisaa turuu Ministeerrin Dhimma Alaa beeksiiseera.

Ibsa wixinee Ministirri Dhimma Alaa Rippaablika Diimookraatawaa Koongoo fi dura taa’aan mana maree hojii raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa dhiyeessan Ityoophiyaan fudhachuuf murteessitus Sudaanii fi Gibtsi kan hin fudhanee ta’uu ibsaniiru jedhame.

Ityoophiyaan Guutinsi Bishaan Hidha Haaromsaa marsaa 2ffaan haaluma gabatee yeroo qabameen kan raawwatamu ta’uu ejjennoo qabdu beeksiifteerti.

Sudaanii fi Gibtsi waliigalteerra osoo hin ga’amin hojiin Bishaan guutuu gaggeeffamuu hin qabu jechuun ejjennoon qabatan bu’uura seeraa kan hin qabne ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa ibsa galgala kana baaseen ifoomseera.

Ejjennoon biyyoota lamaanii mirga Ityoophiyaan qabeenya uumamaa qabdutti fayyadamuu qabdu kan sarbu ta’uu ministeerichi ibseera.

Akkasumas ejjennoon biyyoota lamaan qabatan mariin guyyoota lamaaf gaggeeffame bu’aa qatamaa akka hin buufneef gufuu ta’uu ibsameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.