Fana: At a Speed of Life!

Eloon Mask hojii raawwachiisummaa  Tiwiiteraa irraa kan gadilakkisu ta’uu beeksise

Finfinnee, Mudde 12,2015(FBC)-  Abbaan Tiwiitaraa Eloon Mask hojii raawwachiisummaa Tiwiiteraa nama gahumsa qabuuf  kan gadi lakkisu ta’uu beeksise.

Tujjaarri addunyaa kanaa Eloon Mask gaaffii “ hojii raawwachiisummaa koo gadi lakkisuu?” jedhurratti hordoftoonni deebii akka kennaniif gama miidiyaa hawaasummaa isaan dhiyeessee ture.

Bu’uura deebii hordoftootaan itti gaafatamummaa isaa nama gahumsa qabu biraaf dabarsee kan kennu ta’uu ibsuu BBCn gabaaseera.

Bu’aa walitti qabame keessaa %57.5 Eloon Mask hojii raawwachiisummaa isaa akka  gadi lakkisu irratti kan waliif galan ture.

Murtoo fayyadamtoota miidiyaa hawaasummaa isaa kan kabajuufi nama bakka isaa bu’u wayita argatu hojii raawwachiisummaa isaa kan gadi lakkisu ta’uu ibseera.

Haa ta’u malee garee Sooftiweeriifi Sarvarii hogganuu kan itti fufu ta’uu eereera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.