Fana: At a Speed of Life!

Embaasiin Faransaay Hospitaala Abi’aalaaf Yuuroo miiliyoona 2.5 deeggarsa taasiise

Finfinnee, Eebla 30, 2015 (FBC) – Embaasiin Faransaay Hospitaala Abi’aalaa deebisanii ijaaruuf kan oolu Yuuroo miiliyoona 2.5 deeggarsa taasisuuf waliigaltee mallatteesseera.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa, Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Faransaay, Riimii Maarshaaksi fi Hogganaan Biiroo Fayyaa Naannoo Afaar Yaasiin Haabiib bakka argamanitti walii galtichi mallattaa’eera.

Embaasichi kana dura Hospitaala Daseef Yuuroo miiliyoona 1.5 deeggarsa taasiisuun kan yaadatamuudha.

Deeggarsi har’aa kun Hospitaalaa Abi’aalaa lammiilee kuma 300f tajaajila laatu deebisanii ijaaruuf qooda olaanaa qabaachuu ibsameera.

Taarikuu Waldasanbatiitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.