Fana: At a Speed of Life!

Emmireetonni Arabaa Gamtooman xiyyaarsamiishee jalqabaa gara Maars ergite

Finfinnee, Adoolessa 13, 2012 (FBC) – Emmireetonni Arabaa Gamtooman xiyyaarsamiishee jalqabaa gara Maars ergite.
 
Xiyyaarsamiin gara Maars furgugfamte tun kiilo meetira miiliyoona 500 kan imaltu yoo ta’u, Gurraandhala 2021 Maars ni qaqqabdi jedhameera.
 
Xiyyaarsamittiin yeroon Maars itti qaqqabdus hundeeffama Emmireetota Arabaa Gamtooman waggaa 50 walirra bu’a.
 
Xiyyaarsamittiin Jaappaan Taanegaashmaatii kan kaate yoo ta’u, amala haala qilleensaa Maars kan qo’attu ta’a.
 
Xiyyaarsamittiif moggaasni “Hoop” jedhu laatameefira.
 
Waa’ee plaaneetittii waan hanga ammaa hin beekaminii fi irra hin ga’aminis ragaa funaantee ni ergiti jedhameera.
 
Torbee darbe si’a lama furgugsuuf karoorfamee haala qilleensaarraa kan ka’e osoo hin milkaa’in hafeera.
 
Hojichi diinagdee biyyattii qabeenya boba’aarratti hundaa’e gama beekumsaatin ni cimsaan eegama.
 
Maddi; BBC
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.