Fana: At a Speed of Life!

Ergaa preezdaant Shimalliis Abdiisaan banamuu manneen barnootaa Sabbeeffachuudhaan dabarsan

Finfinnee, Sadaasa 22, 2013 (FBC)- Ergaa Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Kabajamoo Obbo Shimallis Abdiisaa Banamuu Manneen Barnootaa Sabbeeffachuudhaan dabarsan

guutuun ergichaa akka argaan gadiitti dhiyaateera

Weerarri idil-addunyaawwaan Dhiibee COVID-19 guyyaa mul’aterraa eegalee addunyaan gaaga’ama dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa salpahaa hin jedhamne keessumeesaa akka jirtu ni beekama.

Gaaga’ama hawaasummaa dhibee kanaa keessaa adda cituun hojii baruufi barsiisuu isa tokkodha. Tatamsa’inni dhibee kanaafi gaaga’amni lubbuu sadarkaa adduyaatti dhaqabsiise baay’ee naasisaa waan tureef, hojii baruu fi barsiisuu addaan kutuun yeroo sanaaf filmaataa sirrii ture. Kana gochuun gagaa’amaa dhufuu danda’uu hambisuu keessatti hiikni qabu salphaa ta’uu batuullee, akeeka barnootaafi yaad-qalbii barattootaa irratti dhibbaan uumee cimaadha.

Barsiisonni kayyoowwan baruu fi barsiisuu xumuraa bara hojii barnootaatti qabaachaa turan osoo hin argiin, baratootnniniis xumura bara hojii barnootaa gahanii milka’inaa galmoota kawwatanii osoo hin ilaalin manatti dacha’uuf dirqamuun isaanii miidhama yaad-qalbbii salphaa hin jedhamnee akka ta’e hubachuun ni danda’amaa.

Haata’u malee, tatamsa’inni dhibee COVId-19 yeroon itti dhabbatu ifaatti waan hin beekamneef, karaa saxilamummaa xiqqessuun sochii hawaas-dinagdeetti galuun barbaachiisaa ta’uu isaatti waan amanamee fi muxannoon addunyaatiis kanuma waan argisisuuf hojiin baruu fi barsiisuu bara kanaa akka jalqabamu Mootummaan murteessee jira.

Bu’uuruma Kanaan, qophiin gahaan saxilamummaa hir’isuu sadarkaa caasaa barnootaafi qaamoolee dhimmichi ilaallatu hundatti erga taasifamee booda, hojiin baruu fi barsiisuu akka jalqamu ta’ee jira.

Haaluma Kanaan, barattootaafi barsiisonni keenya yeroo qormaata hamaa dabrsuu qofa osoo hin tanee, barnoota ergamaa fi mul’ata egeree biyya keessanii ittiin dhugoomsitan irraa yeroo dheeraadhaaf erga faggatan booda gara mana barumsaatti deebi’uu keessaniif baga gammaddan isiniin jechuun barbaada.

Hojiin baruufi barsiisuu jelqabamuun barattootaaf, barsiisotaafi matii barattootaatiif, akka waligalattiis Naannoo keenyaafi biyyaa keenyaaf gammachuufi milka’inaa guddaadha. Kun akkuma eegametti ta’ee, murtii kana gaafa murteessinuu garuu ammaas qormaata keessaa dhabbannee akka ta’e hubachuun barbaachisaadha.

Gama kanaan qormaatni inni ijoon tatamsa’ina dhibee koronaa ittisuu waliin walqabata. Mootummaan saxilamummaa baratootaa fi barsiisoonni dhibee COVID-19 kanaaf qaban hambisuuf dhaabbiilee biyya alaa dabalatee, qaamoota dhimmichi ilaallatu hunda hirmaachisuudhaan leecalloowwan ittisa dhibee kanaatiif tajaajilan manneen barnootaa bira akka dhaqqaban taasisera. Daree barnootaa babal’isuu irrattiis hojiin guddaan hojjetamee jira.

Leecalloowwan COVID-19 ittisuuf gargaaran dhaqqabamaa taasiisuun ofii isaatiin galma waan hintaaneef, saxilamummaa jiru hir’isuudhaan hojii baruu fi barsiisuu ga’umsaa fi qulqulli’inni isaa mirkana’e gaggeessuuf hawaasa manneen barnootaa irraa itti gaafatamumma guddatu eegama.

Kabajamoota Barsiisota Naannoo Keenyaa Dhaabbiilee Barnootaa hunda keessatti tajaajilaa jirtan!

Sirna baruuf fi barsiisuu karaa milkaa’aan gaggeessuudhaan dhaloota haaraa naamusa gaarii, beekumsaa fi ogummaan ijaarame, dandeetti cimaa gonfate, kabaja hojii, jalala ummataa fi biyyaa dagaagfatee fi mul’ata biyya badhaatuu ijaaruu galmaan ga’uu danda’u uumuuf fi guddisuu keessatti gaheen qabdan daran ol’aanaadha. Ergamni dhalootaa isin irra kaa’amees hedduu ulfaataadha.

Kanaafuu, sirna baruufi barsiisuu keessatti gahee murteessaa qabdan kana hubattanii, karaa tokkoon isiiniifi barattoonni keessan dhibee COVID-19 kanaaf akka hin saaxilamne of eeggannoo cimaa gochuufi barnoota hubannoo ittisa dhibee kanaa ol guddisu itti fufiinsaan barataafi hawaasa naannoo keessaniitiif kennuudhaan, karaa kaaniin ammoo hojiin idileen baruufi barsiisuu sirnaan akka gaggeeffamuufi Naannoon Manneen Barnootaa Naannoo Nageenyi sirritti itti mirkanaa’e akka ta’u adda durummaan cimtanii hojjachuudhaan, akka waligalattiis qulqullinaa barnootaatiif xiyyeeffanna addaa kennitanii barattoota ciccimoo sadarkaafi iddoo kamiyyurratti dorgomttoota ol’aanoo ta’an bal’inaan horachuuf haalkani guyyaa cimtanii socho’udhaan, ittigaafatama guddaa ummataa fi Mootummaan isinitti kenne sadarkaa ol’aanaan akka bahattan amaanaa guddaa wajjin cimsee isinitti dhaammachuun barbaada.

Jaalatamtoota Barattoota Naannoo keenyaa

Isin abdii hegeree Naannoo keenyaafi biyya keenyaati. Hegeree bareedaan hawwinuufi arguuf irratti tattaafachaa jirru hundi isin barattoonni har’aa fayyummaan keessan sirritti eegamee, barnoota keessan sirnaan hordofftanii dirqama dhaloota isin eeggatuuf har’a sirriitti of qoheessuu danda’uu keessaniin kan milkaa’uudha.

Kanaafuu, dhibeen COVID-19 ykn dhibeen kooronaa dhibee hamaa fi galaafataa ta’uusaa hubattanii qulqullina keessaniifi naannoo keessanii eeggachuu dabalatee sirna ittisa dhibee kanaa sirritti hordofuufi gochootaafi iddoowwan dhibee kanaaf nama saaxilan hundarraa of eeguudhaan barnoota keessan qofarratti fulleeffattanii barachaa, siritti qo’achuu fi kitaabban barnootaa dubbisuudhaan daran of cimsaa, hayyootaa fi ogeessoota gurguddoo Naannoon keenyaafi biyyii keenyaa itti abdatan ta’uuf naamuusa cimaa fi kutannoo guddaadhaan akka barattanii fi dirqama dhaloota boru isin eeggatuuf sirritti akka of qopheessitan cimsee isinitti dhaammachuun barbaada.

Kabajamoota maatiilee barattootaa fi hawaasa Naannoo keenyaa

Akkuma beekamu dhaloota cimaa horachuu keessatti barsisonni jalqabaa maatiilee barattootaati. Barnoonni matii keessatti jalqaba. Hirmaannaa maatifi hawaasaatiin ala dhabbiilee barnootaa qofaaniis dhaloonni hin ijaaramu.

Kanaafuu, maatiileen barattootaa olmaafi bultii ijoollee keessanii sirnaan hordofuu, naamusa gaariidhaan ijaaruu, fuulleeffannaan isaanii barnootaa fi barnootaa qofa akka ta’uu gorsuu fi barnoota isaaniitiif deeggarsa barbaachiisu hunda taasisuun gahee dhaloota ijaaruu isin irraa eegamuu bahachuuf cimtanii akka tumsitan dhaamsa koon isiniif dabarsaa.

Kanumaa wajjin, dhibee kana ittisuu keessatti qulqullinni gama hundaa murteessaa waan ta’eef, barataan, barsiisaa fi hawaasni qindoominaan dhimma kanarratti xiyyeeffannaan akka hojjetan asumaan yaadachiisuun barbaada. Gama biraatiin dhibee COVID-19 ittisuufi achumaanuu qulqullinni barnootaas akka mirkanaa’uuf ganna darbe kana keessatti kutaa dabalataa kuma 34 tahu maallaqa, qabeenyaafi humna keessan walitti fiduun seenaa barnootaa naannoo keenyaa keessatti galmaa’ee hin beekne galmeessitanii jirtu.

Kuni ammo galma badhaadhinaa qabannee socho’aa jiirruuf barnoonni furtuu waa hundaa akka tahe hubachuu keessan kan ittiin mirkaneessittan waan taheef Mootummaan naaoo oromiyaa sochii boonsaa taasiiftaniif kabajaa guddaa wajjin baayyee isin galateeffachaa, hirmannaan kun COVID-19 ittisuu fi nageenya manneen barnootaa mirkaneessuu dabalatee cimee akka itti fufuu dhamsaa koon isiniif dabarsa.

Kabajamtoota Caasaa Mootummaafi Qaamolee Nageenyaa!!

Manneen barnootaa wiirtuu dhaloonni egeree biyya keenyaa murteessuu ittiin horatamuudha. Ergamnni manneen barnootaatiis dhaloota ga’umsaa fi dandeettii kalaquu qabu, gama hundaan ofitti amanuu fi carraawwan misoomaa biyya isaa keessatti argaman adda baasee beekuu fi gara dinagdeetti jijjiruu danda’u umuudha. Badhadhina Naannoo keenyaa fi waliigala biyya keenyaa milkeessuun kan danda’amuus hundaa ol, dhaloota baratee fi fayyummaan isaa eegame bayyi’inaa fi qulqullinaan horachuudhaan akka ta’e ni beekama.

Inni kuni ammo dhugoomuu kan danda’u haalli barufi barsiisuu karaa nagaafi tasgabbii qabuun yoo gaggeeffame qofaa dha. Kana milkeessudhaaf ammo hirmaannaa hawaasaa sadarkaa hundattuu mirkaneessuu gaafata.

Mallattoowwan iddoo tokko tokkotti mul’atan nagummaa manneen barnootaa booreessuudhaan akeeka dhaloota ajjeesuu kan of keessaa qaban waan ta’aniif, tattaaffii hawaasni manneen barnootaa taasisu cinaatti, caasaan Mootummaa sadarkaan jiruu fi qaamooleen nageenyaa nagummaa manneen barnootaa eegsisuudhaan manneen barnootaa wiirtuu beekumsaa fi kalaqaa qofa akka ta’an gahee keessan akka bahattan carraa Kanaan cimsee isin hubachiisuun barbaadaa.

Dhumarrattiis, barri barnootaa kun bara fayyummaan keessanii fi nagummaan manneen barnootaa itti mirkanaa’e, bara kayyoo fi galmoota barnootaa keessan dhugoomsuudhaan ergamaa biyya ijaaruu isin eggatuuf bu’uura itti buufattan akka isiniif ta’u hawwaa, barattoonni fi barsiisoonni keenya irra deebiin baga gara manneen barnootaatti nagaan dhuftan isiniin jedha.

Pir. Shimmallis Abdiisaa

Sadaasa 2013

Finnfinnee

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.