Fana: At a Speed of Life!

Ergama biyyaalessaa ga’umsaan ba’uuf qophii guutuu taasiisuu Komishiniin Poolisii Federaalaa beeksiise

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2013 (FBC) – Filannoo marsaa 6ffaa milkeessuuf ergama biyyaalessaa ga’umsaan ba’uuf qophii guutuu taasiisuu Komishiniin Poolisii Federaalaa beeksiiseera.
Komishiniin poolisii Federaalaa filannoo marsaa 6ffaa gaggeeffamu ilaalchisee ibsa laateera.
Komishinichi ummata Ityoophiyaan baga filannoo marsaa 6ffaa biyyaalesaan nagaan geechan jechuun ergaa dabarseera.
Erga adeemsi filannoo eegalamee hanga ammaatti tumsaa fi deeggarsa ummanni biyyattii taasiisaniif galateeffateera.
Adeemsa filannoorratti wantoonni nama shakkisiisan yoo argaman haaluma barameen qaamolee nageenyaaf eeruu laachuun tumsa barbaachuu akka taasiifan gaafateera.
Paartileen siyaasaa seeraa fi dambii filannoo eeguun nageenya filannichaaf tumsa taasiisaa turaniif galateeffateera.
Yeroo itti aanuus qooda irraa eeggamu akka ba’an gaafateera.
Qaamoleen nageenyaa adeemsa filannoo milkeessuuf haala bilisaa fi walaba ta’een hojiilee hanga ammaatti hojjetaniif galata guddaa qabaachuu ibseera.
Adeemsi filannoo itti aanu karaa nagaan akka xumuramu loogii tokko malee itti gaafatamummaa irraa eegamu akka ba’an hubachiiseera.
Adeemsi filannoo rakkoo nageenyaa tokko malee akka raawwatu qaamoleen nageenyaa karoora qindaa’aa baafachuun filannoo dura, wayita filannoo fi booda rakkoolee keessaa fi alaa muudachuu danda’an haalan xinxaaluu fi sakatta’uun qophii ga’aan taasiisuu himeera.
Filannoon marsaa 6ffaan biyyaalessaa kun karaa nagaan xumuramuun ijaarsa biyyaaf faayidaa olaanaa qabaachuu ibsuun, farreen nageenyaa keessaa fi alaa adeemsa filannoo gufachuuf socho’aa jiran qolachuf qaamoleen nageenyaa sadarkaan jiran qophii ga’aa taasiisuu ibseera.
Ergama biyyaalessaa ga’umsaan ba’uuf qophii hunda galeessaa taasiisuu himeera.
Tajaajiloonni hawaasummaa fi diinagdee ummataaf laalamu sababa ga’aa malee akka adda hin cinne qaamoleen dhimmi ilaallatu itti gaafatamummaa isaa ba’uu akka qabu gaafateera.
Ummaanni Ityoophiyaa fi qaamoleen nageenyaa waliin qindaa’uun filannoon seenaa qabeessi kun karaa nagaan akka xumuramu qooda isaanii akka ba’an waamicha dhiyeesseera.
Sosochiin wayita filannoo fi filannoo booda taasiifamu kamiiyyuu karaa seeraan qofa ta’uu akka qabu komishinichi hubachiiseera.
Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Yuutyuubiihttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/
Twiitara Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.