Fana: At a Speed of Life!

Faanaa Broodkaastiing Koorporeet tamsaasa televiizhinii idilee; sagantaa afaan Oromoo eegale

Finfinnee,Waxabajjii 22,2012 (FBC) – Faanaa Broodkaastiing Koorporeet har’a Waxabajjii 22,2012 tamsaasa televiizhinii idilee; sagantaa afaan Oromoo eegale.
 
Faanaan kanaan dura raadiyoodhan dhaga’amtummaa fi jaalatamtummaa horachuun hordoftoota hedduu horachuu hoji gaggeessaa olaanaan Faanaa Broodkaastiing Koorporeet (FBC) obbo Baqqalaa Muullataan beeksisan.
 
Dhaabbatichi jaalatama raadiyoodhan qabu gabbisee televiizhiniidhan har’a idileedhan hojii eegaluusaa beeksisaniiru.
 
Jijjiirrama ummanni barbaadu utubuudhan, dhaabbatichi tarkaanfachaa jiraachuus beeksisaniiru.
 
Ummanni Oromoo akkuma baay’inasaa miidiyaalee filannoo hedduun kan isa barbaachisan ta’uu obbo Baqqalaan eeraniiru.
 
FBC sagantaan afaan Oromoo Wiixataa hanga Dilbataa galgala sa’aa 12:00 hanga sa’aa 1:00tti har’aa jalqabee idileedhan daawwattootasaa bira kan qaqqabu ta’a.
 
 
Gammachiis Taarikuutu gabaase.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.