Fana: At a Speed of Life!

Faanaa Broodkaastiing Korporeet dhimmoota hawaasa irratti xiyyeeffachuun hojii hojjeteen sagalee ummata bal’aa fi filatamaa ta’eera – Obbo Adaamsuu Daamxoo

Finfinnee, Adoolessa 30, 2014 (FBC) – Faanaa Broodkaastiing Korporeet dhimmoota hawaasa irratti xiyyeeffachuun hojii hojjeteen sagalee ummata bal’aa fi filatamaa ta’uu danda’uu Hojii Gaggeessaa Olaanaan dhaabbatichaa Obbo Adaamsuu Daamxoon ibsaniiru.

Faanaa Broodkaastiing Koorporeet gamoo miidiyaa kompileeksii abbaa darbii 8 Magaalaa Daseetti Birrii miiliyoona 100n ijaarsiise eebbiseera.

Hojii gaggeessaan olaanaan FBC Obbo Admaasuu Daamxoon, FBCn fedhii dhaggeeffattootaa,dubbiftootaa fi daawwattootaaa guutuuf miidiyaa xiyyeeffannoo olaanaan hojjechaa jiru ta’uu ibsaniiru.

Faanaa Broodkaastiing Korporeet dhimmoota hawaasa irratti xiyyeeffachuun hojii hojjeteen sagalee ummata bal’aa fi miidiyaa filatamaa ta’uu danda’eera jedhan Obbo Adaamsuun.

Miidiyaa odeeffannoo qofa osoo hin taane, Faanaa Broodkaastiing Korporeet abjuu qabeenya horachuus dhugoomsaa jira jedhan.

Gamoon ijaarame qabeenya FBC qofa osoo hin taane kan hawaasa naannawichaa waan ta’eef, hawaasni akka qabeenya isaatti tumsaa fi kunuunsa barbaachisu akka taasiisu waamicha dhiyeessaniiru.

Dhaabbatichi haala qabatamaa biyyaa xiyyeeffannoo keessa galchuun tamsaasa isaa babal’isuun Faanaa FM 98.1 dabalatee buufataalee FM 10, Teeleeviizyiinii fi Miidiyaa Diijitaalaan dhaggeeffattoota ,Dubbiftootaa fi daawwattoota isaa bira ga’aa jiraachuu eeraniiru.

Sagantaa eebbaa kanarratti hoggantoonni mootummaa federaalaa, naannolee fi keessummoonni kabajaa argamaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.