Fana: At a Speed of Life!

Faanaa ‘Lamiroot’ marsaa 10ffaan dorgomtoonni xumuraa adda ba’an

Finfinnee, Caamsaa 27, 2014 (FBC) – Faanaa ‘Laamiroot’ marsaa 10ffaa torbee 8ffaan dorgomtoonni afur dorgommii xumuraatiif darbaniiru.
Dorgomtoonnis torbee dhufu dorgommii xumuraa gaggeeffamu injifachuuf kan morkatan yoo ta’u, weellistoota 1ffaa hanga 4ffaatti ba’aniif badhaasni Birrii kuma 500 qophaa’eera.
Dorgommiin Fanaa ‘Laamiroot’ torbee xumuramu kun, dorgomaa mo’ateef Birrii kuma 200, 2ffaa kan ba’eef Birrii kuma dhibba 1 fi kuma 50, 3ffaa kan ba’eef Birrii kuma 100 fi 4ffaa kan ba’eef Birrii kuma 50 badhaafamu.
Yaalamwarqi Jambaruu, Dassaalanyi Abbabaa, Garramawu Gabiratsaadiiq fi Daani’eel Addunyaa dorgommii xumuraatiif qooddattoota Birrii Kuma 500 ta’uu mirkaneeffataniiru.
Dorgomtoonni dorgommii xumuraas gara dorgommii badhaasa mo’aa mo’attootaa Birrii miiliyoona 1 argamsiisuutti darbuu isaaniis mirkaneeffataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.