Fana: At a Speed of Life!

Faanaa ‘Lamiroot’ marsaa 10ffaan Yaalemwarqi Jambaruu injifatte

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2014 (FBC) – Dorgommii xumuraa Faanaa ‘Laamiroot’ marsaa 10ffaa har’a gaggeeffameen Yaalemwarqi Jambaruu dorgommicha mo’atteetti.
Dorgommii muuziqaa morkii jabaan irratti mul’ate Yaalemwarq Jambaruutti aanuun Daani’eel Addunyaa 2ffaa, Dassaalanyi Abbabaa ammoo 3ffaan fi Garramawu Gabiratsaadiiq 4ffaa xumuraniiru.
Haaluma kanaan Yaalemwarqi Jambaruu Birri kuma 200, Daani’eel Addunyaa Birrii kuma dhibba 1 fi kuma 50, Dassaalanyi Abbaba ammoo Birrii kuma 100, Garramawu Gabiratsaadiiq Birrii kuma 50 badhaafamaniiru.
Kanneen dorgommii kanarratti 1ffaa-4ffaa ba’an dorgommii mo’a mo’attootaa kan Birrii miiliyoona tokko badhaasisurratti kan hirmaatan ta’uu.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.