Fana: At a Speed of Life!

Faawundeeshiniin Haacaaluu Hundeessaa Artiistoota adda addaa badhaase

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2014 (FBC) – Sagantaan Badhaasaa Artiisti Haacaaluu Hundeessaa Artistoota buleeyyii fi dhaloota haataa damee adda addaan badhaaseera.

Faawundeeshinichi Artiisti Haaloo Daawwee, Ibraahim Adamii fi Zarihuun Wadaajoo tokko tokkoon isaani Birrii kuma dhibba 1 fi kuma 50 badhaaseera.

Dabalaan Sirna Badhaasa Haacaaluu Hundddeessaa 2014, kanaan Dameelee badhaasaa dhihaatan keessaa,
1) Walaloo Bareedaa (Best Lyrics) bara 2014, Siisaay Asaffaa Badhaasa waancaa fi Birri kuma dhibba 1,

2) Yeedalloo Bareedaa (Best Melody) bara 2014, wallee (3Obsan) Yoosan Geetaahun Badhaasa waancaa fi Birrii kuma dhibba,

3) Sirba Cimaa bara 2014 (Song of the Year), “3Obsan”, Yoosan Geetaahuun, Badhaasa waancaa fi Birrii kuma dhibba 2,
4. Qindeessaa muuziqaa cimaa bara kanaa Artiisti Daawwiit Taaddasaa , Birrii kuma dhibba 1,

5. Sinimaatoogiraafi cimaa bara kanaa Artiisti Shimallis Taaddasaan injifataniiru.

Zamadkuun Mizgaanaa fi Obsee Waaggaariitu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.