Fana: At a Speed of Life!

Faawundeeshiniin Proojektii Diijitaalaa Ityoophiyaa haaluma karooraan raawwatamaa jira – Huuriyaa Alii

Finfinnee, Amajjii 6, 2014 (FBC) – Baankii Addunyaan kan deeggaramu Faawundeeshiniin Proojektii Diijitaalaa Ityoophiyaa haala karooraan gaggeeffamaa jiraachuu Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshiinii fi Teeknooloojii Huuriyaa Aliin ibsaniiru.
Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshiinii fi Teeknooloojii Huuriyaa Aliin Baankii Addunyaatti Faawundeeshinii Proojektii Diijitaalaa Ityoophiyaa olaantummaan hordofaa kan jirunii fi hoggantuu Imaammata ICT dhaabbatichaa Dooktar Tiim Meelii waliin haala raawwii Proojeekticharratti mari’ataniiru.
Proojektichi Ityoophiyaatti Diinagdee Diijitaalaa Ityoophiyaaf haala bu’uura kaa’uu danda’uun xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Aadde Huuriyaan ibsaniiru.
Proojektoonni damicha deeggaran yeroo itti aanus jiraachuu Baankii Addunyaatti hoggantuun Imaammata ICT fi Ityoophiyaatti Faawundeeshinii Proojektii Diijitaalaa Ityoophiyaa olaantummaan hordofaa kan jirun Dooktar Tiim Meeliin himaniiru.
Ityoophiyaan Proojektii kanaan fayyadamoo ta’uu akka barbaaddu Aadde Huuriyaan ibsuu isaanii ragaan Ministeera Innooveeshinii fi Teekloonoojiirraa argame ni muul’isa.
Proojektiin naannawaa yeroo itti aanu ifoome Ityoophiyaa, Sudaan, Sudaan Kibbaa fi Somaaliyaa fayyadamoo taasiisu akka danda’u ibsaniiru.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.