Fana: At a Speed of Life!

Faayilli sagalee Muummeen Ministiraa waltajjii Paartii Badhaadhinaarratti dubbattan fakkeessuun gadi dhiifame sagalee sobaan qindaa’e ta’uu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 23, 2013 (FBC) – Faayilli sagalee Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad waltajjii Paartii Badhaadhinaarratti dubbattan fakkeessuun gadi dhiifame sagalee sobaan qindaa’e ta’uu Waajjirri Muummee Ministiraa beeksiise.

Faayilli sobaan qindeeffame kun sagalee sobaan qindaa’ee fi dubbii Muummeen Ministiraa yeroo garaagaraa taasiisan muranii walitti hidhuun ragaa sobaan qindaa’e ta’uu waajjirichi ibseera.

Waajjirichi lammiileen duula ragaa sobaa qindeessuun waldhabdee uumuuf taasiifamaa jiruun gowwooffamuu akka hin qabne waamicha dhiyeesseera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.