Fana: At a Speed of Life!

Facaatiin dhibee Vaayrasii koroonaa torbee 1 asitti % 40’n dabale – Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa

Finfinnee, Eebila 7, 2013 (FBC) – Facaatiin dhibee vaayirasii koroonaa torbee 1 asitti % 40’n dabaluu Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa beeksise.
Naannichatti lakkoobsi namoota dhibichaan du’anii torbee tokkotti % 144 ‘n dabaluu Hoogganaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaan ibsaniiru.
Ittisaa fi to’annooo dhibbee Vaayirasii Koroonaa ilaalchisee Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa fi Abbaan Alangaa walii galaa Oromiyaa ibsa waloo laataniiru.
Naannoo Oromiyaatti qajeelfamni weerara dhibee Covid -19 ittisuu fi to’achuf ba’e hojiirra oolaa hin jiru jedhame.
Qajeelfama Labsii of eeggannoo Koroonaa ittisuuf ba’e Qaamni darbee argame Seera Labsichaan kan adabamu
ta’uu Hoogganaan Abbaa Alangaa Walii galaa Oromiyaa obbo Huseen Usumaan akeekkachiisaniiru.
Hanga ibsi kun laatameetti naannoo Oromiyaatti namoonni 25 guyyoota 3 keessatti lubbuu dhabaniiru.
Lakkoobsi namoota dandamatanii ammoo % 11’n gadi bu’aa jiraachuu ibsameera.
Dabalataanis namni tokko wallaansa yaala cimaa seenee guyyoota 30-40tti turaa jira jedhame.
Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.