Fana: At a Speed of Life!

Faransaayitti lakkoofsi namoota COVID-19 qabamaa jiraanii dabalaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2013 (FBC) – Faransaayitti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin qabamaa jiraanii dabalaa jira jedhame.

Biyyattitti kaleessa qofa namoonni kumni 30 fi 621 vaayrasichaan qabamuun isaanii mirkanaa’eera.

Kunis yeroo dhiyoo asiitti lakkoofsa olaanaadha jedhameera.

Faransaay tamsa’ina weerara vaayrasichaa ittisuuf Paariis dabalatee magaalota 8tti boruurraa eegalee daangaa yeroo akka keessuu ibsiteetti.

Preezdaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon labsiin daangaa yeroo kun lakkoofsa namoota guyyaatti vaayrasichaan qabamanii gara kuma 3 gadii butaa jechaniiru.

Faransaay dabalatee Jarmaan, Xaaliyaanii fi Poolaanditti lakkoofsi namoota vaayrasii korooonatin qabamanii dabalaa jiraachuu ragooleen ni muul’dhiisu.

Biyyoota Awrooppaa garaagaraattis manneen barnoota, gidduugaloonni sochii namaa, manneen nyaataa fi dhugaati irraa deebiin cufamaa jiruus jedhameera.

Maddi:-BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.