Fana: At a Speed of Life!

Farasnsaayitti gosti vaayrasii koroonaa haaraan argame

Finfinnee, Muddee 27, 2014 (FBC)- Farasnsaayitti gosti vaayrasii koroonaa haaraan argamuu ibsame.

Gosa vaayrasii koroonaa kanaaf maqaa “ B.1.640.2” jedhu kennamuufii ibsameera.

Gosti vaayrasii koroonaa haaraan kun imalaa biyya Kaameeruun irraa deebi’erratti argamuu fi gosa vaayrasii koroonaa Oomiikroon jedhamu caalaatti amala jijijjiiramuu kan qabu ta’uu hospitaalli Faransaay magaalaa Maarseeyitti argamu ibseera.

Namoota 12 namicha vaayrasichi irratti argame waliin tutuqaa qabanirratti vaayrasichi argamuu ibsameera.

Gosti vaayrasii koroonaa haaraan kun hagam cimaadha kan jedhurratti hanga ammaatti qorannoon taasifame kan hin jirre ta’uu ibsameera.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.