Fana: At a Speed of Life!

Fayyaa haadholii fi dubartoota foyyeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira-Dooktar Liyaa Taaddasaa

Finfiinnee, Amajjii 4, 2013 (FBC)- Baatiin fayyummaa haadha mata duree ‘haati dhangala’uu dhiigaatin maaliif duuti’ jedhun kabajamuu eegaleera.
Ityoophiyaatti baatiin fayyummaa haadha yeroo 15ffaa kan kabajamuu yoo ta’uu, hanga dhuma baatii Amajjiitti akka kabamuu ibsameera.
Sagantaa jalqabaa kanarratti Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taadassaa dabalatee ministiroonni dubartootaa fi itti gaafatamtoonni argamaniiru.
Dooktar Liyaan fayyaa haadholii fi dubartoota foyyeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru.
Waggoota 10 dura haadholiin %10 ta’an muuxannoo gara dhaabbilee fayyaa deemuu kan qaban yoo ta’u, yeroo amma kana garuu haadhooliin %51 ta’an gara dhaabbilee fayyaa akka deeman himameera.
Yaata’u malee haadholii hedduun ulfaa fi da’umsaan wal qabsiisee lubbuu isaanii aarsa kan taaasisan yoo ta’u, du’aatii haadholii hir’isuuf qaamoleen dhimmi ilaallatu hirmaachuu qabu jedhameera.
Kiddist Birhaanuutu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.