Fana: At a Speed of Life!

Fayyadamummaa fi hirmaannaa dubartootaa mirkaneessuuf waltajjiiwwan hubannoo uumuu murteessadha – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Bitootessa 17, 2015 (FBC) –Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen qaamolee fiigicha dursa dubartootaaf jedhu qopheessan galateeffatan.

Fiigichi meetira kuma 5 mata dure dursa dubartootaaf jedhuun qophaa’e kan dubartoota kuma 15 ol hirmaachise har’a magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Fiigichichi dhaadannoowwan Iddoo koo, mirga koo fi sagalee koo jedhuun fiiggameera.

Fayyadamummaa fi hirmaannaa dubartootaa mirkaneessuuf waltajjiiwwan hubannoo uumuu fi kaka’umsaa murteessaa ta’uu Aadde Adaanach fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.