Fana: At a Speed of Life!

FBCtti waggoota 20 oliif ogummaa Teeknikaan tajaajilaa kan ture Obbo Saamu’eel Aari’aayaan boqotan

Finfinnee, Caamsaa 15, 2015 (FBC) – Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiitti waggoota 20 oliif ogummaa Teeknikaan tajaajilaa kan ture Obbo Saamu’eel Aari’aayaan addunyaa kanarraa du’aan boqotan.

Obbo Saamu’een bara 1994 eegalee dhaabbatichatti ogeessa jalqabaa hanga ogeessa olaanaatti tajaajila laataa turaniiru.

Buufataalee FM Faanaa garaagaraattis qindeessaa Teeknikaa ta’uun hojjetaniiru.

Obbo Saamu’eel dhibee tasaa isa mudateen Caamsaa 14, 2015 umrii waggaa 47ffaa isaanitti addunyaa kanarraa du’aan boqotaniiru.

Obbo Saamu’eel abbaa ijoolee lamaa turan.

Sirni awwaalchaa Obbo Saamu’eel guyyaa Boruu magaalaa Maqalee Mana Amantaa Kiristiyaanaa Abunee Aragaawwiitti kan raawwatu ta’uu ibsameera.

Faanaa Biroodkaastiing Korporeeti du’aan boqochuu Obbo Saamu’eeliif gaddi guddaan itti dhaga’amuu ibsuun maatii ffi firoottan isaaf jajjabina hawweera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.