Fana: At a Speed of Life!

Federeeshinichii fi Atleet Daraartuun Hidha Haaromsaa fi koroonaa ittisuuf deeggarsa taasisan

Finfinnee, Bitootessa 17,2012(FBC) – Federeeshiniin Atleetiksii Ityoophiyaa ijaarsa Hidha Haaromsaa fi weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf deeggarsa Birrii miiliyoona 2 laate.

Federeeshinichi Hidha Haaromsaatif Birrii miiliyoona 1, weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf ammoo Birrii miiliyoona 1; waliigalaan Birrii miiliyoona 2 laatera.

Preezdaantiin federeeshinichaa Koomaandar Atleet Daraartuu Tulluun Waajjira Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Ijaarsa Hidha Haaromsaatti argamuun deeggarsicha laattetti.

Federeeshinichi kanaan duras ijaarsa hidhichaatif deeggarsa Birrii miiliyoona 3 laatera.

Koomaandar Atleet Daraartuu Tulluun dhuunfadhaan hidhichaaf deeggarsa Birrii kuma dhibba 2, weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf ammoo deeggarsa Birrii kuma dhibba 2; waliigalaan Birrii kuma dhibba 4 laattetti.

Hoggantuun Waajjira Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Ijaarsa Hidha Haaromsaa aadde Roomaan G/sillaaseen gumaacha federeeshinichaa fi Atleet Daraartuuf galateeffataniiru.

Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf gumaacha taasifameef ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa fi ministir deettaan ministeerichaa Dooktar Darajjee Dhugumaan galateeffataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.