Fana: At a Speed of Life!

Feesbuukii fi Inistaagiraamiin odeeffannoowwanii fi yaadota Jeneraal Suleemaanii deeggaran fuularraa haqaa jiru

Finfinnee, Amajjii 4, 2012 (FBC) – Feesbuukii fi Inistaagiraamiin odeeffannoowwanii fi yaadoota Ameerikaan ajjeefamuu Jeneraal Suleemaanii deeggeran fuularraa haqaa jiru.

Marsariitiiwwan walitti hidhamiinsa miidiyaalee hawaasaa odeeffannoowwan fuula isaaniirraa kan haqan qoqqoobbii Ameerikaan Iiraan irra keesse irratti hundaa’eet.

Bu’uruma kanaan maamiltoonni addunyaarratti argaman odeeffannoowwanii fi yaadota Jeneraal Suleemanii deeggaran tamsa’an fuula isaanii irraa akka haqan ta’eera.

Keessattuu miidiyaaleen Iiraan odeefannoo fi yaadota Suleemaanii deeggaruun tamsa’aa turan fuula miidiyaalee hawaasummaa isaanii irraa haqaniiru.

Sababa kanaan lammiileen Iiraan Inistaagiraamii fi Feesbuukii fayyadamuun yakka hojjetan irratti tarkaanfiin akka fudhatamu waamicha dhiyaatera.

Dubbi himaan mootummaa Iiraan Alii Reebeey gama isaanitiin, gochichi adeemsa sirna demokiraasii kan hin hordofnee fi itti gafatamummaa kan hin qabneedha jechuun balaaleffataniiru.

Ajaja preezdaantii Ameerikaa Traampin buufata xiyyaaraa Iiraaq keessatti Jeneraal Suleemaaniin erga ajjeefamanii as biyyoota lameen gidduutti waldhabdeen hammaataa dhufuun isaa ni yadatama.

Feesbuukii fi Inistaagiraamiinis dhaabbiilee fi lammiilee qoqqoobbiin irra kaa’ame irraa fuula isaanii haqaniiru.

Maddi:- CNN

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.