Fana: At a Speed of Life!

Feesbuukii, Twiitaraa fi Inistaagiraamni burjaajjiif saaxilamaniit turan

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2012 (FBC) – Feesbuukii, Twiitaraa fi Inistaagiraamni burjaajjiif saaxilamaniit turan.

Uggurtoonni odeeffannoo miidiyaalee hawaasummaa kanneen butanii itti fayyadamuu yaalaniiru.

Jimaata darbe miidiyaaleen kanneen burjaajessitootaa fi buttoota odeeffannoof saaxilamaniit turan.

Marsariitiiwwan kunneen yeroo muraasaf garee odeeffannoo butan; Aawar Maayin jedhamuun to’annoo jala akka turan himameera.

Garichi Feesbuukii, Twiitaraa fi Inistaagiraamii to’annoo jala erga oolchen booda ergaawwan garagaraa dabarseera.

Ergichi maqaa isaatin nagaa dhiyeessee, Feesbuukii, Twiitaraa fi Inistaagiraamiirratti dandeetti waa barreessuu akka qabu hubachisera.

Gareen kun dhaabbanni Feesbuukii Twiitara irraa ofeeggannoowwan nageenyaa ni taasisa jechuunis itti qoosera.

Kanarra kan darbe garichi Twiitaraa fi Inistaagiraamii irratti ergaa addaa fi beeksisa garagaraa dabarseera.

Maddi:- BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.