Fana: At a Speed of Life!

Feesbuukiin hojiiwwan daldala gadi aanoo ta’aniif deeggarsa Doolaara miiliyoona 100 taasisuufi

Finfinnee, Bitootessa 9, 2012 (FBC) – Feesbuukiin hojiiwwan daldala gadi aanoo ta’aniif deeggarsa Doolaara Ameerikaa miiliyoona 100 taasisuufi.

Dhaabbatichi hojiiwwan daldalaa biyyoota garaagaraa gadi aanoo ta’an tumsuuf deeggarsa Doolaara Ameerikaa miiliyoona 100 akka taasisu beeksiseera.

Deeggarsichi biyyoota addunyaa 30 keessatti kan argaman hojiiwwan daldaalaa gadi aanoo ta’an kuma 30’f ni oola jedhameera.

Deeggarsa maallaqichaarra darbees hojiiwwan beeksisaa tola akka hojjetuuf beeksiseera.

Gama biraatin deeggarsi taasifamu kan akka kiraa mana, baasii hojjettootaa, baasii taajajila dhaabbilee waliin walqabatan akka uwwisus himameera.

Dabalataanis leenjii fi deeggarsa teeknooloojii akka taasisus dhaabbatichi beeksiseera.

Maddi:-foxnews.com

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.