Fana: At a Speed of Life!

Feesbuukiin magaalaa guddaa Naayjeeriyaatti waajjira isaa banufi

Finfinnee, Fulbaana 10, 2013 (FBC) – Feesbuukiin magaalaa guddaa Naayjeeriyaatti waajjira isaa banufi.

Dhaabbanni Feesbuukii bara Faranjootaa dhuftutti magaalaa guddaa Naayjeeriyaa Leegoositti waajjira banuuf akka jiru beeksise.

Dhaabbanni kun ardii Afrikaatti waajjira isaa banuun yeroo lammaffafidha jedhame.

Akka ragaa dhaabbaticharra argame muldhisutti waajjirichi garee mahaandisootaa kan keessumeessu waajjira Afrikaa isa jalqabaa ta’a.

Waajjiri Naayjeeriyaatti banamu garee gurgurtaa, maamilummaa, imaammataa fi kominikeeshinii keessa hojjetan ni haammata.

Ibsa dhaabbanni Feesbuukii baaseen giddugalli haaraan oomishaalee lammiilee Afrikaan kalaqaman Afrikaa fi guutuu addunyaa akka dhaqqabsiisu himeera.

Bara Faranjootaa 2016 hundeessaa dhaabbatichaa kan ta’e Maark Zukarbarg imala isaanii jalqabaa gara ardii Afrikaan  magaalaa Leegoos daawwachuun isaanii  ni yaadatama.

Maddi:- BBC

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.