Fana: At a Speed of Life!

Feesbuukiin odeeffannoo dogoggoraa koroonaan vaayrasii tamsa’aan dhorkufi

Finfinnee, Gurraandhala 19, 2012 (FBC) –  Feesbuukiin odeeffaannoo dogoggoraa weerara koroonaa vaayrasii walqabateen fularratti maxxanfamaan akka dhorku beeksise.

Dhaabbatichi beeksisoota oomishalee vaayrasicha ittisuuf ykn to’achuu ni gargaaruu jedhaaman akka dhorkuus beeksiseera.

Maqaa vaayrasii koroonaa fayyadamuun beeksiftoota omiisha fi tajaajila fularratti maxxanfamaniis nan haqaa jedheera.

Haguuggiin afaanii fi funyaan irraa ka’amuu tamsa’inaa vaayrasicha %100 ni ittisaan beeksifni gadi dhifamuus kan hin eyyamnee ta’uu beeksisee.

Tarkaanfiin dhaabbatichi amma fudhate fuulootarratti  odeeffannoo dogoggooraa fi barreeffamoota sobaa dhorkaa  hin jiru jechuun komiif dhiyaatee irraa ka’uunidha.

Maddi:-Rooyitaars

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.