Fana: At a Speed of Life!

Feesbuukiin tamsa’ina odeeffannoo sobaa ittisuuf to’annoo cimaan akka taasifamuu waamicha dhiyeesse

Finfinnee Gurraandhala 9, 2012 (FBC) – Feesbuukiin tamsa’ina odeeffannoo sobaa ittisuuf to’annoo cimaan akkaa taasifamuu waamicha dhiyeessera.

Hundeessaa fi hojii gaggeessa olaanaan feesbuukii Mark Zukeerbeerg yaa’ii nageenyaa Jaarmaan Muunikitti taa’ama jiru irratti  haasaa taasisaniin, keessayyu walitti hidhaminsa miidiyaalee hawwaasa irratti odeeffannoo sobaa tamsa’aan ittisuuf to’anoo cimaa gaafata jedhaniiru.

Mark Zukeerbeerg biyyoonnis odeffaannoowwan sobaa ittisuuf to’annoo cima taasisuu qabu jedhaniru.

Hojii gaggeessa olaanichi feesbuukiin odeeffaannoowwan soba ittisuuf tarkaanfii hedduu fudhataa turera jedhaniiru.

Kanumaan walqabate fuulli feesbuukii odeefannoo sobaa tamsaasu miiliyoonnii 1 akka cufamanis himameera.

Dhaabbatichi kanan duraa beeksisoonni siyaasaa akka haqamuu taasiseera.

Torbee kana eegalee garuu hojmanni kun ni hafaa jedhaniiru hojii gaggeessichi

Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.