Fana: At a Speed of Life!

Feesbuukiin koroonaa ittisuuf hojjettoonni manaa akka hojjetan eeyyame

Finfinnee, Bitootessa 10, 2102 (FBC) – Feesbuukiin tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf hojjettoonni isaa koontiraataa mana ta’aani akka hojjetan eeyyame.

Murtichi qabiyyee Feesbuukidhaan Ameerikaadhaa gadhiifamu kan hordofan ilaallata.

Dhaabbatichi Ameerikaa keessatti hojjettoota koontiraataa qabiyyee hordofan kuma 15 qaba.

Hoji raawwachiisaa olaanaan Feesbuukii Maark Zuukarbarg, sababa vaayrasichaaf hojjettoonni kunneen hojii idilee isaanii sirnaan raawwachuu waan hin dandenyef miindaa isaanii argachaa mana ta’aani akka hojjetan himaniiru.

Dhaabbatichi yeroo kanatti qabiyyeewwan tamsa’an artifishaal intalajansiin hordofaas jira.

Dabalataanis tarkaanfichi dhiibbaa vaayrasii koroonaan qaqqabsisaa jiruu xiqqeessuuf ni gargaaraas jedhameera.

Zuukarbarg, fayyaa hawaasa itti fufiinsan eeguuf seerrii mana keessa taa’uun hojjechuuf ba’ee kun akka itti fufu himaniiru.

Hoji gaggeessaan eejensii hojjettootaa Joo Riivaanoo Baaroos, tamsa’ina vaayrasichaa ittisuuf taarkanfii dhaabbatichi fudhate yaada jajjabeeffamuu qabudha jedhaniiru.

Hojiin manaa hojjetamu akka hojii waajjiraa hojjetamu ta’uu hin malu, Feesbuukiin burjajajiif saaxilamuu malas kan jedhan hin dhabamne.

Feesbuukiin namoota hojii biiznasii xixiqqaa hojjetan deeggaruuf Doolaara miiliyoona 100 akka laatu ifoomsun isaa ni yaadatama.

Hojjettoota dhaabbii tokkoon tokkoof kaffaltii boonasii yeroo weerara vaayrasichaaf ta’u Doolaara kuma 1 laatera.

Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.