Fana: At a Speed of Life!

FIFA’n gareen Arjantiinaa naamusa tapha xumuraa Waancaa Addunyaarratti argisiise qorachuufi

Finfinnee, Amajjii 6, 2015 (FBC)- Baatii darbee Kuwaataaritti kan gaggeeffame tapha kubbaa miilaa Waancaa Addunyaarratti Garee Kubbaa Miilaa Farnsaayiin rukuttaa adda bahiinsaan kan injifate gareen Kubbaa Miilaa Arjantiinaa ‘Naamusa Hinmalle’ argisiiserratti qorannoo eegaluu beeksise.

Xumura taphichaarratti karra eegaan Arjantiinaa Emiliyaanoo Martiineez badhaasa karra eegaa filatamaa ergaa fudhatee booda naamusa hinbarbaachifne argisuun kan eerame yoo ta’u, kutaa uffannaa keessattis Urjii Faransaay Kiliyan Mbaappeetti baacaa akka ture himameera.

Kanaa malee, suura Mbaappee maxxansuun taphattootatti baacuun qeeqamaa tureera.

FIFA’n, Arjantiinaan taphattootaa fi aanga’oota kabajuu dhabuun akkasumas qajeelfamoota taphaa darbuun naamusa hinbarbaachifne argisiisuun seera cabsiteetti jechuun ibseera.

Dabalataan Waldan Kubbaa Miilaa Arjantiinaa seera miidiyaa fi gabaa cabsuu ilaalchisee qorannoo gaggeessaa jiraachuu beeksisuu Aljaziiraan gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.